Ayele Kebede Roba is an MPhil/PhD researcher. He works on Ethiopian literatures with particular emphasis on the comparative study of Afaan Oromoo [Oromo] and Amarinya [Amharic] contemporary novels.
Ayele Kebede Roba , SOAS University of London

(What do the Oromo writers and researchers say about Oromo literature?)

Drawing on the discussion I had with the notable and experienced authors and researchers of Oromo literature, this short piece presents an overview of the definition of Oromo literature, criteria to be used in defining a certain creative/ literary text as Oromo literature, the problems that have been facing Oromo writers, the limitations observed in the contemporary Oromo prose and poetry writings (especially the novel) and the possible recommendations to alleviate some chronic the problems. The discussion was made over the last six months in Ethiopia while I was undertaking fieldwork for my PhD research being funded by
MULOSIGE ERC project at SOAS, University of London, UK.

Ayele Kebede Roba

Barreeffamni gabaabaan kun marii barreessitoota Oromoo buleeyyii Gaaddisaa Birruu fi Isaayas Hordofaa akkasumas qorattoota ogbarruu Oromoo Dr. Asafa Teferraa fi Dr. Taaddesee Jaalataa woliin goone gabaabsee dhiyeessa. Barreeffami kun ogbarruun Oromoo maal ta’uu akka qabu fi maalirratti xiyyeeffatuu akka qabu, rakkinnoota barreessitoota Oromoo mudata jiru, mudaalee ogbarruu Oromoo keessatti mul’ataa jiran fi gara fuulduraa maal gochuun akka barbaachisu dhiyeessa.

Suuraa 1: Hayyoota mariin woliin geggeefame(mirgarraa gara bitaatti): Dr. Asafaa, Dr. Taaddesee, Obbo Isaayas fi Obbo Gaaddisaa

Muddee 4 bara 2018 ALA, magaallaa Adaamaa kan magaallaa guddoo Oromiyaa fi Itoophiyaa Finfinnee/ Addis Ababaaa/ irraa gara baha aduutti kiloometira 100 irratti argamtutti, barreessaa fi qorataa ogbarruu Oromoo kan taa’an Dr. Asafaa Teferraa gaaffilee qorannoo sagantaa doktoreetii (PhD) hojjataa jiruuf bellamee woldhagarre. Maaliif akka isaan barbaade erga isaanti himeen duuba marii yeroo jalqabnuu Doktar Asafaan gaaffi tokko na gaafatan: “ Oromoon ogbarruu qaba jettee ni yaaddaa?” naan jedhan. Gaaffichi waan hedduu sammuu kiyya keessa kaase. Altokkotti yaadni hedduun sammutti na dhufe. Mirkaneeffachuuf jecha ani immoo deebisee gaaffichuma, Oromoon ogbarruu ni qabaa jettanii? jedhee isaan gaafadhe. Dr. Asafaan xiqqoo gaaffi jalqabaa sana fooyyesanii eyyeen namoonni hinqabanu jedhanii yaadanuu baay’eetu jiruu ati maal jetta naan jedhan. Tanumaan  mariin teenna jalqabde. Dhimmi marii kan jalqabaatuu kanuma ta’e itti fufe.

Suuraa 2:Asoosamoota Afaan Oromoo muraasa

Qorattoonni oguma Oromoo jechoota afaan Ingilishitiin ‘literature’, ‘orature/oral literature’  jedhaman jecha Afaan Oromootiin bakka buusuuf yokiin jecha isaan bakka bu’a jedhanii yaadaniin ibsuuf yaalii godhaa turaniin har’aan tana akka garaa keennaatti ta’uu baatulle yeroo seenaa fi sirna akkasumas kalaqa Afaan Oromoo dubbannu jechoonni itti fayyadamaman ni jiru. Haata’uu malee xiinaxalli jechoonni kuni dhuguma waan yaadame bakka bu’aanii ergaa dabarsaa jiru jedhu gadi fageenyaan irratti hin hojjatamne. Oromoon yeroo ammaa kana bifaa afaaniin himamuunille ta’ee fi bifa barreeffamaatiin kan ibsamuufi himamaa jiruu kalaqa kalaqaa jiru. Garuu qorannaan dhimmoota kana jala bu’ee fayidummaa isaanii fi dadhabinna isanii saaxilee kallattii ifaa ta’e akeeku baay’ee xiqqaadha. Fakkeennaaf sadarkaa digirii sadeessootti / PhD/ ogbarruu Oromoo irratti qorannaan hojjataman hanga ammatti baay’ee muraasa. Isaan keessa kan ani ragaa qabu kan Dr. Addisuu Toleessaa geerarsa Oromoo irratti hojjatan, kan Dr. Taaddesee Jaalataa afoolaa fi tapha ijoolle Oromoo Gujii irratti hojjatan, kan Dr. Asafaa Teferraa ogwolaloo diddaa Oromoo Salaalee irratti hojjatan fi biyya keessa Yuunivarsitoota Addis Ababaa (Dr. Xilahuun Taliilaa, Dr. Teshoomee Egeree, Dr. Destaa Dessalenyii) fi Jimmaatti qorannoon muraasi ni argamu (maqaa isaanii asitti kaasuuf raga hinarganne). Qorannaan armaan olitti maqaa dhawaman kunniin gaaffii Dr. Asafaan na gaafataniif raga dabalataa ni kennu jedhee yaada. Eeyyen Oromoon ogbarruu (orature and literature) ni qaba jedhee deebiseefii marii keenya itti fufne.

Haata’uu malee, barreeffami kalaqaa tokko fakkeennaafi asoosami yokiin guuboon wolaalootaa tokko ogbarruu Oromoo jedhamuuf ulaagaa maalii guutuu qaba? gaaffiin jedhu xiyyeeffannaa keessa galuu qaba. Marii keenna irratti gaaffii kanatti dabalatee gaaffilee lamaan armaan gadii kanniin barreessitootaafi qorattoota keenna gaafadhe. Inni duraa asoosamni Gurraacha Abbayaa jedhamu kan Dhaabaa Wayyeessaatiin barreeffame asoosama Oromooti jechuu dandeennaa? Akkasumas asoosami Yeburqaa Zimmitaa jedhu kan Afaan Amaaraatiin Tesfayee Gebre’abi kan dhalootaan nama Tigirayi Eeritiriyaa ture barreesse asoosama Oromooti jechuu dandeennaa? Akka Waldaan Barreessitoota Oromoo ulaagaa kayattetti barreeffamni kalaqaa tokko akka ogbarruu Oromootti fudhatamuuf xiyyeeffannaan kan kennamuufii qabu afaan ittiin barreeffamu osoo hinta’in qabiyyee fi kaayyoo isaatu ilaalamu qaba jedhu. Nuutille ka’umsa kanuma godhannee yaada keenna akka armaan gadii kanatti woliif ibsine.

Ulaagaan tokko qofti gahaa akka hintaanelle irratti wolii galle. Qabxiin inni duraa, Ogbarruu Oromoo Afaan Oromootiin barreeffamuu qaba jenne. Sababni isaa gara tokkoon afaanichalle ni guddisa. Haata’uu malee, inni guddaanii fi kan beekkamuu qabu Afaan Oromoo afaan kamiiyyuu caalaa falaasama, amaleeffata, seenaa, aadaa, duudhaa, dabarsii fi muuxanno ummata Oromoo kan ibsu isa waan ta’eef ogbarruu Oromoo barreessuu keessatti ulaagaa sadarkaa duraa qabatuudha. Akkasumas qabiyyeenii fi kaayyoon barreeffamichaa muuxannoo, miidhaa, quuqaa, siyaasa, dinaagdee, hawaasummaa, qabsoo, diddaa fi mormii gabrummaa fi walumaagalatti dhimma Oromoo ilaallatu kamiiyyuu bifa Oromoof liqimfamuun dhiyeessuu qaba. Qabiyyeen kun yoo afaan biraatiin fakkeennaaf Afaan Amaaraa, Afaan Ingilishii, Afaan Firansii fi afaanota biro kan biyya Itoophiyaa keessatti

dubbatamuufi biyyaan alatti dubbatamuunille yoo barreeffame ogbarruu Oromoo jechuu  ni dandeenna jenne.

Suuraa 3: Asoosamoota Oromoo muraasa

Kanatti aansuun rakkoolee ogbarruu Oromoo qancarsaa jiran keessaa muraasa kaasnee irratti mari’anne. Rakkoon inni guddaan dhiibbaa gama mootummaa Itoophiyaatiin barreessitootaafi qorattoota ogbarruu Oromoo akkasumas namuma dhimma Oromoo irratti quuqamaa fi kutannaa dhagarsiiserra woggoota dheeraaf gayaa tureedha. Seenaan akka ibsutti namni dhimma Oromoo biyya Itoophiyaa keessatti hujii kooti jedhee itti xiyyeeffate kan hinadamsamin yokiin sossodaachisuun itti hindhaadatamin haga yeroo dhiyeenyaatti hinjiru. Hedduun isaanii hujii itti dhabaniiru, lubbuu itti dhabaniiru, mana hidhaa keessatti darara cimaaf saxilamaniiru, biyya isaaniitii fi maatii isaanirra ari’atamaniiru. Obbo Gaaddisaa Birruu fi Dr. Asafaan dhimma kana irratti yaadannoo hindagatamne kan yeroo dheeraa natti himan. Barreessitoonni biroolle kanneen akka Obbo Teferii Nigusee fi Obbo Beekan Gulummaa faa ragaa qabatamaa worra dhiyeessuu danda’aniidha. Obbo Isaayas Hordofallee bara Mootummaa Dargiitii jalqabanii dhiibbaan isaanirra gayaa turee seenaa dheeraadha. Seenaa asoosama isaanii Yoomi Laataa? jedhu keessatti jalqabaniiyyuu bifa asoosama biraatiin itti fufuu kan dadhabanii addaan kutaniif rakkoo fi dhiibbaa siyaasaa Itoophiyaati jedhu, Obbo Isaayas. Barreessitoonni fi qorattoonni kunniin akka jedhanutti sirniifi tarsiimoon mootummaan Itoophiyaa hordofuu guddina ogbarruu Oromoo kan qancarsuudha jedhu. Hanga ammaatti wantoonni sirreeffamuu qaban hagana jedhamuun hindanda’amu. Fakkeenna tokko yoo fudhanne, yuunivarsitootaafi kolleejota keessatti bakkii fi deeggarsi ogbarruu Oromootiif kennamaa jiru xiyyeeffannaan ilaalamuu qaba. Sababuma dhiibbaa fi hacuuccaa mootummaarraan kan ka’e deeggarsi gama abbootii qabeenyaa fi ummata bal’aa irraa guddinna ogbarruu Oromootiif kennamu qabu baay’ee gadi bu’aadha. Namoota muraasa jiruu isaanii irratti murteessanii gumaacha dhunfaa isaanii godhaniif malee deeggarsi jabaan guddinna ogbarruu kanaatiif godhamaa hinjiru. Hubannaafi odeeffanno faayidaalee ogbarruun saba tokkoo sabicha saniif kennu qabaachuu dhabuunille rakkoolee akka laalleetti/ laayyootti ilaalamanuu miti. Qorannoo geggeessuufille qarshiin dhimma kanaaf ramadamee, qaamni dirqama isaa fudhatee socho’u kan humnaa fi beekkumsa/ dandeetti gahaa qabu hin argamne. Dhimma kanaaf kan dhaabate Waldaan Barreessitoota Oromoolle dhiibba kana jala miliquu hindandeenne (Marii bal’aa pirezidaantii waldichaa woliin goone yeroo biraa kan dhiyeessu ta’a).

Barreeffama kalaqaatiin wolqabatee keessattuu asoosamaa fi wolaaloo yoo fuudhanne kitaaboleen humna namoota dhunfaatiin maxxanfamaa jiran baay’een isaanii qabiyyeefi jechoonni/ qulqullinni afaanii kan isaan ittiin barreeffaman sadarkaa dubbifamanii hubatamuu hindandeenne irra gayaa jiru. Namoonni kakka’umsuma qabaniin barreessaa jiru malee leenjii fi barumsi gahaan kennamaafii hinjiru. Muuxanno wolirraa akka hinqoodanneefille qaamni dhimma kana qaceellotti fudhatee namoota wolitti fidu hinjiru. Dabalatee manni maxxansaa kan qulqullinna fi ciminna kitaabota kanaa to’atu kan guulaaltota/ editaroota/ cimaa qindeeffatee hujatu hinjiru. Worri hujii kana jalqabuuf yaalanille Finfinnee keessatti deeggarsa mootummaa dhabuun dhiibbaa gara garaatiif saxilamaa jiru. Walumaagalatti, hujiin hujatamaa jiruu sababii namooti tattaaffi godhaa jiran deeggarsa dhabuu isaanii irraan kan ka’ee, beekkumsaa fi muuxanno gahaa hujii ogbarruu dubbisuu fi barreessuu dhabuu fi akkasumas  xiyyeeffanaa cimaa waan barreessaaniif kennuu dhabuu isaanirraan kan ka’e qulqullinni isaa baay’ee kan gadi bu’eedha. Keessumattuu hujiin ogbarruu cimsanii xiinxalanii dubbisuu gaafata. Haata’uumalee dargaggooti yeroo ammaa kana barreessaa jiran baay’een isaanii muuxanno fi amala dubbisuu cimaa waan hinqabneefi kitaaboleen isaan barreessan seenaa, afoola, haala yeroo fi muuxannoo hawaasaa Oromoo bifa qindawaa taheen dhiyeessuu irratti hanqinna cimatu mul’ata. Caasaa fi qindoominni asoosamoota maxxanfamaa jiraanille ‘ulaagaa asoosamaa’ sirritti kan guutanii miti. Kana hambisuuf silaa qorannoon fi gulaalli beekkumsaa fi muuxannoon deeggarame godhamuufi qaba ture. Kun garuu bakka hinjirreetti hujii qulqullinna qabu eeguun balchummaadha. Kana maleessi, sirni badhaasaa fi beekkantummaa hujiilee ciminnaa qabaniif fi barreessitoota kutanno dhagarsiisaniif kennamu dhabamuun isaa caalatti rakkinnoota kana hammesseera. Kanaafuu, Dr. Taddeseen jedhanitti ogbarruun Oromoo yeroo amma kana keessattu gama qulqullinnaatiin sadarkaa kufaatii guddaa keessa jira. Yaada kana irratti Dr. Taaddeseen ibsaa yeroo laatan worri duraan asoosamoota ciccimaa ummata biratti fudhatama guddaa argatan barreessaa turaniiyyuu raakkoolee garagaraa irraan kan ka’e barreessu dhisaanii jiru jedhan. Xiyyeeffannan jiru gara midiyaalee hawaasaa irratti wo maxxansuu qofatti deemaa jira jedhan.

Walumaagalatti, marii keenya buufatuuf yaadota furmaataa kaasne muraasa haa ilaalluu. Inni duraa Waldaan Barreessitootaa Oromoo cimfamee gama mootumma fi ummataatiinille deeggarsi cimaan kennameefi dirqama waldaan barreessitoota tokko bahuu qabu akka bahuu jajjabeefamuu qaba. Dabalataan immo kan Afaan Oromoo irratti hujatuu fi qorannaa geggeessu akadamiin afaaanii jiraachuu mala. Kunille Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa woliin kan hujatan kutaaleen kanneen akka qorannoo fi qu’annoo Afaan Oromoo kan kanaan dura hujii dansaa Afaan Oromoo irratti maxxansiisuun haga danada’ametti guddinna Afaan Oromootiif gumaacha turan qaamota biraa woliin woldeeggaruun ogbarruu Oromoo irratti ciminnaan hujatuu qaban. Akkasumas manni maxxansaa qulqullinnaa fi namoota muuxannoo qabaniin hoogganamu hundeeffamuu qaba. Barreessitootaafi qorattootaaf haalli isaan barreeffamoota isaanii ummata bira ittiin gayatan mija’uufitu barbaachisa. Kanneen akka sirna badhaasaa fi beekkantummaa kennuu fi hujiilee hujataman qeequu fi gulaaluunille amaleeffamuu qabu jedhu beektonni keenna.

*Dhimmoti marii keenna keessatti kaasne hedduu turan. Garuu gabaabse muraasa qofa asitti dhiyeesse. Namoonni barreeffama kana irratti yaada qabdan waan isiniti mul’atu nuuf ibsuu irraa ofi hinqusatinaa. Karaa toora ‘Face Book’ kanaanille ta’ee barreessicha barruu kanaa ibsa dabalataatiifille ta’ee  yokiin gaaffiille yoo qabaattan gaafatuu dandeessu.

                                                   Ayyelee Kebbedee Roobaatiin, barataa PhD, Yuunivarsiitii Lendenii