Multilingual Locals and Significant Geographies (MULOSIGE): Dhiyaannaa Haareya Qu’annoo Oguma[1] Addunyaa

Dhiyaannaan haarenni kuni addunyaa ogbarruu ka yeroo baay’ee addaan bittina’ee argamuu fi laakkofsi isaalle baay’ee te’e gama hawaasa afaan hedduu dubbatuutiin xiinxaluudha.

Kaayyoo tana fiixaan baasuuf, kutaaleen addunyaa sadiin, Indiyaa Kaabaa, Magihreebi fi Gaafi Afrikaa filatamaniiru. Sababni guddaan naannoleen kuniin itti xiyyeeffatamaniif sirna kolonummaatiin dura aadaa barreffamaa fi afoolaa/ogfaanii hedduu qabaachuu isaanii dabalatee muuxannoo koloniyaalizimii fi sabboonummaa kan gara garaa waan qabaniif. Haaluma kanarraa ka’uun piroojektichi kun baroota seenaa sadi irratti xiyyeeffata: bara hundeeffama kolonummaa, kufaatii/dadhabiinsa kolonummaa fi bara giloobaalayizeeshiiniiti. Haaluma kanaan wolittidhufeenni duudhaalee aadaa jidduu jiru, mariifi mormiin oguma addunyaa ilaalchisee sadarkaa gadiitti/naannootti geggeeffamaa jiru, gosoota ‘afheddummaa’(multilingualism) kan durii fi kan ammaa akkasumas qaamolee dhimma kana keesstti murteessoo te’anii fi teekinooloojii barreeffamaa fi afaanummaa qorachuudha.

Kitaabolee muraasaa Afaan Oromootiin

Kitaabolee muraasaa Afaan Oromootiin

Kaayyoon MULOSIGE, yaada oguma addunyaa afaan Ingilishii qofaan wolqabsiifamee ilaalamu ni morma. Tana godhuufille ibsa barbaachisaa afheddummaa fi sababoota dirree qorannoo ogumaa kan sadarkaa naannoo fi kan biyyoota qaxxaamuruf gumaacha godhan irratti kennuun. Piroojektichi muuxannoo ogumaa kan duraan ture fakkeessuu fi bakka tokkoo gara bakkaa biraatti woraabanii geessuu irra, bifa kalaqawaa te’ee fi haala qabatamaan jiru irratti hunde’uun madaqsuun akkamitti akka hojjatamuu ibsuu barbaada.

Aka odeeffannoo yeroo ammaa tana qannuutti, kutaaleen addunyaa nuuti qorannoof filanne- Indiyaa Kaabaa, Morookoo fi Itoophiyaa- jidduu hariiroon oguma irratti hunde’e waan hinjirreef piroojektiin kun wolitti dhufeennaa fi hariiroo naannolee kanniin jidduu jiru kan qoratu osoo hinte’in kan wolbira qabiisaa fi wolmadaaliisa hujii ogumaa  irrattii hujatuudha. Yaada doguungorsiisaa fi amansiisaa hinteene kan handhurti /xiyyeeffannoon qoraannoo oguma addunyaa aka Yuuroppi qofa te’eetti ilaaluun, Eeshiyaafi Afrikaa aka moggaatti/qarqaraatti dhiyeessu kana, dhihaannaa haala qabatamaa irratti xiyyeeffateen bakka busuuf ykn dhiyaannaa yeroo ammaa jiru kan haala wolfakkaatuu irratti xiyyeeffataa jiru utubaa te’u dhiyeessuuf,  wolmadaalchisuufi wolbiraqabanii ilaaluun kaayyoo keenna isa duraati.

Dhihaannaan afheddummaa irratti xiyyeeffatu kun madaqsuu fi aadaa gara garaa qaxxaamursiisuun dagaaginaa fi geeddarama ogumaa xiinxaluuf bu’aa qabeessa jedhee kan amanu yoo te’u, yaada buleessa kan ‘sirni addunyaa’ tokkichi ‘ naannoolee/ kutaalee addunyaa’ kan gara garaatii oli jedhee dhiyeessu kan mormu yoo te’uu, moodelli biyyoota impeeriyaalaa giddu gala godhatee biyyoota duraan kolonii turan aka qarqaraatti/ moggaatti ilaalu sun aka moodela tokkootti fudhatamuun ogumi Yuuroppiille damee tana jalatti kan ilaallamu te’a.

Walumaagalatti kaayyoon guddoon piroojektiin kun fiixaan baasuuf deemuu dirreen qorannoo oguma addunyaa irraa deebi’amee aka xiinxalamu godhuu ykn bifa haareyaan fooyyessuuf, malootaa qo’annaa, akkaataa lenjiiwwaan ittiin kennamanii fi qorannoo yaalii irratti hundeeffame akeekuu yoo te’u, mala dhiyaannaa haareya kan  aadaa afhedduu (multilingual locals) fi naannolee  (significant geographies) ogumi keessatti kalaqamee fi bu’aaleen ogumaa hujiirraa oolaa jiru irratti kan xiyyeeffatu deeggaruun malichi oguma addunyaa kan kutaalee addunyaa gara garaa keessatti argamaniif kan mijatu te’ee Yuuroppille aka kutaa addunyaa tokkootti kan ilaaluu te’uu isaa ibsuuf. Pifoojektichi dhimma dhihaannaa haareya kanaan wolqabsiisee hayyoota fuulleffannaa qo’annaa fi qorannaa SOAS jala jiran, guutummaa Yuunyitidi Kingidam fi Yuuroppii keessa jiran woliin marii fi haasowa ni taasisaa.

Piroojectichi kan hoogganamu Piroofesar Firaansheskaa Orsiniidhaan yoo te’uu , SOAS tti kan argaman miseesonni garee, Doctar Kaarimaa Laashiir, Doctar Saaraa Marzagooraa, Doctar Fatimaa Burnii, Doctar Itze’aa Goyikooliyaa- Amiyaanoo, Juulay Blaalakii, Jaaki Kliifti fi Ayyalaa Kabbadaa ti. Akka dhaabbataatti MULOSIGE’n kan hoogganamuun Giddugala  Aadaa, Ogumaa fi Qo’annaa Bara Kolonummaan Duubaa (Center for Cultural, Literary and Postcolonial Studies, SOAS) yoo te’u kaayyoon giddugalichaa marii/mormiifi qoranno sadarkaa addunyaa kallattii qorannoo fi qo’annoo isaa irratti hunda’uun gidduu seenuu ykn irratti hirmaachuudha. Piroojektiin kun kan turu woggoota shanniif yoo ta’u Muddee 2020 tti ni raawwata.

Naannolee yaaliif filataman sadiinuu irratti MULOSIGE’n gaaffilee qorannoo armaan gadii kanniin kaasuu barbaada.

  • Tokko tokkoon naannolee yaaliif filatamanii fi afaanoti qorannoo keessatti hammataman ilaalchisee, ‘bakkeewwan / naannoleen’ qorannoo ogumaa keessatti xiyyeeffaannaan itti kennama tureefi kennamaa jiru eessa fa’a?
  • Naannoleen kunniin wolitti gurmeeffamuu/ tokko taasifamuu danda’u moo kan hindanda’amneedha?
  • Sirni Kolonummaa, kufaatiin Kolonummaa fi haalli oguma addunyaa kan yeroo ammaa kunniin naannolee xiyyeeffaannaan itti kennamuu qabu (significant geographies)  haareya  kan isaan uuman jiruu?
  • Amantaa muuxannoon ogumaa magaallarraa gara badiyyaattii deema ykn kan koloneeffattootarraa akkeeffama kan jedhurra, bifa muuxannoo gara garaa giddugaleessa godhatee fi, haala jiruu fi jireenna magaalaa fi baadiyalle wolmaddii ideemsisuun dirree ogumaa kan sadarkaa gadiifi biyyoota qaxxaamuru akkamiin xiinxaluu dandeenna?
  • Barreessittoonni Indiyaa Kaabaa, Morookoo fi Itoophiyaa kan yeroo ammaa moodeloota/ akaakuu ogumaa durii ykn oguma biyya biraarraa maal fudhatu/ itti fayyadamuu?
  • Yoo kan fudhatan/madaqsan te’e akkamiin ykn karaa kamiin aadaa isaanii woliin wolsimsiisu?
  • Oguma addunyaatiin wolqabatee mormii fi mariin sadarkaa naannolee/ gadiitti jiru maan fakkaatan, akkasumas maan irratti xiyyeeffatan ykn maan irraa aansu? Kun immoo maaniif godhama?
  • Uumamuun oguma afaanota yeroo ammayyaa hojiirraa oolanii maan moggatti qabe/ hacuuce?
  • Teknoloojiin ammayyaa fi addunyaan barreeffamaa akaakuuwwaan ogfaanii fi guddinna ogumaa keessatti qaamolee murteessaa duraan turan akka itti fayyadamaman gargaaraa jiraa? Akkasumas akaakuun ogfaanii fi agbarruu kan wolsimatee/ wolittimdaqe uumamee jiraa?
  • Geedaaramni  aadaa afheddummaa (multilingual locals) keessatti mul’atu kan duraan turee fi kan amma jiru maan fa’a?
  • Namoonni afaan tokkoo oliin dubbisuu fi barreessuu ykn Afaan tokkoon baarreessaa akkasumas dubbisaa, afaan biraatti dhimma bayuu?
  • Muuxanno ogumaa kan afaanoota gara garaa kana wolitti ni makuu moo adda addaan fayyadamu?
  • Wolitti dhufeenni gama dubbisuutiin, barreessuutiin fi afeetiin jira jennee yaaduu dandeennaa ykn hinjiruu jechuu dandeennaa?
  • Bu’aan/hojiileen oguma afhedduu kunniin beekkantummaa sadarkaa guutuu addunyaa kan argate jiraa? Yoo jiraate akkamiin?
  • Dirree ogumaa kana keessatti, akaakuun ogbarruu kan guutuu addunyaarra naanna’u ykn tamsa’u kanneen sadarkaa naannoo fi biyyaatti naanna’uun wolitti hidhata qabaa?

Afaan Oromootti kan hiike Ayyalaa Kabbadaa Roobaati (Barataa PhD gosa barnootaa Aadaa, Ugumaa fi Qo’annaa Bara Kolonummaan Duubaa, SOAS, Yuunivarsiitii Loondonitti)

[1] Translator’s note: As an equivalent meaning for the word ‘literature’, ‘oral literature’ and ‘written literature’, I used Asafa Tefera’s terminologies in Afaan Oromoo, that is, oguma, ogfaan and ogbarruu respectively. See: Asafaa Tafarraa (2009). Eela: Seenaa Oguma Oromoo. Finfinnee: Far East Trading. 10-14.